Mootummaan Niiw Ziilaand sirni yaadannoo muslimoota torbee dabre ajjeefamanii guutuu biyyattii keessatti akka geggeeffamu murtii dabarse hordofuun, Jum’aa har’aa guutuu biyyattii keessatti sirnichi geggeeffamee jira.
Keessummattuu sirna yaadannoo kana sababeefachuun muslimoonni magaalaa Kiraayist Charch paarkii magaalattiitti salaata jum’aa raawwatanii jiru. Muummittii ministeera Niiw Ziilaand Jasinda Arden, qondaaltota biyyatti, lammiileen Niiw Ziilaand fi keessumoonni biyyoota gara garaa irraa dhufan sirna yaadannoo kana irratti hirmaatanii jiru.
Akkaatuma ajaja muummittiin ministeera biyyattii dheengadda dabarsiteen, Azaanni Jum’aa har’aa Raadiyoo fi Televiziyoonaan kan dabre yoo tahu, salaatni jum’aa fi sirni yaadannoo kun miidiyaalee Idil Addnuyaa hedduun kallattiin dabree jira. Dubartoonni Niiw Ziilaand heddu hijaaba uffachuun kabajaa muslimootaaf qaban agarsiisanii jiru.
Dabalataanis mootummaan Niiw Ziilaand guyyaa kaleessaa namoonni dhuunfatti meeshaa waraana gurguddaa akka hin qabanne kan labse tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Baruumsi madda qaroominaati. Biyya jijjiiruu keessatti gumaatni inni qabu guddaadha. Nama barateetu waa adda baafatee…
Qaamni ilma namaa hundi dalagaa uumameef qaba. Akkasuma qaamni hundi eega sa’aa dheeraaf dalagee booda…
Ilmi namaa seera uumamaa dhiisee seera ofii baaseen eega of bulchuu jalqabee booda nageenyi addunyaa…
Uumama Rabbiin keenya uume lakkoofne fixuu hin dandeenyu. Wanti hundi bifa fi sanyii garagaraa qaba.…
Ulaagaan bareedinni ittiin madaalamu seenaa addunyaa tanaa keessatti garaagarummaa qaba. Wanti waggoota 500 dura akka…