header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni makkalaakayaa magaalaa Mooyyaalee keessatti guyyaa har’aatis nama lama rukute

Waraanni  Makkkalaakayaa guyyaa kaleessaa magaalaa Moyyaalee keessatti nama 15 ol ajjeese, har’as dargaggoota lama rasaasaan rukutuun beekame. Dargaggoota lamaan ganama har’aa rukutaman keessaa tokko akka du’ee fi kan lammataa ammoo hospitaala Moyyaalee keessatti kan wal’aanamaa jiru tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa.

 

Gama biraatiin Ministeerri Ittisaa Siraaj Fargeessaa fi qondaaltonni Komaand poostii ganama har’aa hilikoptoraan buufata waraanaa magaalaa Mooyyaalee kan seenan yoo tahu, qondaaltonni kunniin hawaasa magaalattii osoo hin dubbisin akka deebi’an odeeyfannoon argame ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button