header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Jilli Ulama’oota fi Hayyoota 28 of keessatti hammate gara biyya imaluuf qophii kan xumure tahuu gabaafame

Jilli kun Ulamaa’otaa fi Hayyoota biyya keenyaa Ameerikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa keessa jiraatan kan of keessatti hammate yoo tahu, Kiibxata dhufu Bitootessa 17/2011 ganama Sa’aa 1:00’tti buufata xiyyara Booleetti simannaan ni godhamaaf.

Jilli kun turtii isaanii kan biyyaatti hawaasa kutaa biyyaatti garagaraa waliin, akkasumas Muummicha ministera Dr Abiy Ahmad, prezdaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi qondaaltota mootummaa sadarkaa gara garaa waliin marii kan godhu tahuus beekameera.

Bittotessa 17/2011 galgala Salaata Magriiba booda Masjiida Ayyar Xeenaa kan Magaalaa Finfinneetti, akkasumas Bitootessa 19 immoo salaata Magriiba booda Masjiida Taqwaa kan naannawa Betelitti argamutti sagantaa marii ummata waliin kan geggeessan tahuu ibsame.
Ulamaa’otaa fi Hayyoota jila kana keessatti argaman jidduu:

Sheikh Usmaan Abdulqaadir Ameerikaa irraa
Sheikh Khaalid Muhammad Ameerikaa irraa
Dr Muhammad Taaj Abdurrahman Sa’uudii Makkaa irraa
Dr Yuusuf Nuur Dammaa Ameerikaa irraa
Obbo Muhammad Musxafaa Ismaa’il Awurooppaa Briteen irraa
Sheikh Ismaa’il Jammaa Boruu Ameerikaa irra akkasumas namoonni birootis jiraatu beekameera.

7 Comments

  1. Mashaaaa Allah tabarakalah
    Waani Bayyee nama gamachsuu 🌺🌺🌺🌺🌺🌺

  2. As wr wb Alhaamduliillaahii bayyee bareedaadhaa inshaAllaa rabbiin Achiinuhagesiisuutuu hundumaakenyahuuhii olomootaakenyalleenii rabbiin nagahaanii isaan hagaashutii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button