header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa lammiilee Oromoo Naannoo Soomalee irraa buqqa’aniif deeggarsa godhan.

Koreen Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa lammiilee Oromoo naannoo Soomalee irraa buqqifamuun, bulchiinsa magaalaa Sabbataa iddoo Alamganaa jedhamutti qubsiifaman 228 tahaniif deeggarsa Firaashaa fi midhaan nyaataa godhuun beekameera.

Iddoo qubsumaa kanatti balaa ibiddaa kaheen buqqaatoota kana irraa manneen afur kan gubate yoo tahu, manneen kanas deebisaanii ijaaruuf deggarsa birrii 200,000 kan godhan tahuus beekameera.

Sirna deeggarsa kana irratti itti aanaan bulchiinsa magaalaa Sabbataa Obbo Nasiir, Hooggantuun waajjira OPDO magaalichaa aaddee Roozaa fi hoggantooni magaaliicha kan birootis argamaniiru.

Miseensoonni Koree Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa, baatiin Ramadaanaa waan dhihaateef hawaasni muslimaa ummanni kun akka hin rakkanne deeggarsa akka godhuu qabu dhaamsa dabarsan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button