OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Konfiransiin Islaamaa guddaan Godina Booranaa Magaalaa Meggaatti geggeeffamaa jira
Konfiransiin hara’a jalqabame kun guyyaa boruutis kan itti fufu yoo tahu, Ulamaa’onni fi Ustaazonni iddoo gara garaa irraa affeeraman, akkasumu hawaasni muslimaa aanaalee gara garaa irraa dhufuun sagantaa kana irratti hirmaataa jiran.
Kayyoon Konfiransii kanaa immoo Ijaarsa Madrasaa magaalaa Meggaa keessaatti karoorfameef galii walitti qabuuf tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Keessumoota sagantaa kana irratti argaman jidduu:
1.Sheikh Abduljaliil Ibraahim
2.Sheikh Alii Jimmaa
3.Dr Muhammad Bakar
4.Sheikh Kadiiroo Alii
5.Sheikh Umar Ramadaan
6.Sheikh Muusaa Oromoo fi keessummoonni birootis jiraatuu beekameera.
Konfiransiin kun hanga Bittoteessa 17 kan itti fufu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Mashaa’alla muhaadaran keessan baa’yee namatii tola jabaadhaa isin wolin jirra