header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Daandiin Xiyyaara Ityoophiyaa Walgahii Kaampaaniin Boeing qopheese irratti kan hin hirmaanne tahuu ibse

Kaampaaniin Boeing softweera too’annaa xiyyara moodeelii Boeing 737 max irratti fooyya’iinsa godhuu ibsuun, paayileetota 200 ol tahan, ogeeyyota teeknikaa fi hoggantoota buufataalee biyyoota gara garaatiif leenjii hubannoo kennuuf  wal gahii kan waame  yoo ta’u, buufanni xiyyaara Ityoophiyaa wal gahii kana irratti kan hin hirmaanne tahu ibse.

 

Dubbii himaan Daandii xiyyaara Ityoophiyaa Obbo Asraat Bagaashaawu walgahicha irratti hirmaatuuf hanga ammsatti karoora kan hin qabne tahuu Roytarsitti hime.

 

Balaa  dhiheenya Xayyaara Ityoophiyaa muudate kan laubbuu nama 157 galaafatee booda, xayyaaronni Boeing 737 guutuu Addunyaatti tajaajila irraa kan ugguraman yoo tahu, uggura kana booda Kaampaanichi doolaara biliyoona 28 ol kasaaruu ibsame. Dabalataanis waliigalteen bittaa Boeing fi  kaampaaniiwwan daandii xayyaaraa biyyoota gara garaa waliin godhamee ture, kan doolaara biliyoona 4tti tilmaamamu danqaa keessa kan seene tahuu gabaafame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button