header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Prezdaant Traamp Raashiyaan loltoota Venezuweelaa keessa qubsiiftee baasuu qabdi jechuun akeekkachiise

Donald Traamp har’aa haadha warraa hogganaa paartii mormituu Venezuweelaa Juan Guaido kan taate Miss Fabiana Rosales Waayit Haawusitti simachuun eega mari’atanii booda ibsa kenneen, deeggarsa Raashiyaan mootummaa prezdaant Nikolas Maaduron hogganamuuf kennaa jirtu balaaleffateera. Dabalataanis Raashiyaan loltoota dhiheenya gara Venezuweelaa ergite hatattamaan baasuu qabdi jechuun akeekkachiise.

 

Xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa lama meeshalee waraanaa adda addaa fi loltoota 100 ol fe’atanii Alhada darbe gara Venezuweelaa kan seenan tahuu eega gabaafamee booda, Raashiyaan mootummaa Prezdaant Nikolas Maaduron hogganamu deeggaruuf loltoota isii gara biyyattii kan ergite tahuu mirkaneessite.

Filannoo prezdaantummaa Venezuweelaa booda waldhabbii muudate hordofuun, biyyattiin gaaga’ama siyaasaa hamaa keessa kan galte tahuun ni beekama. Keessumattuu Ammajjii dabre hogganaan paartii mormituu Juan Guaido prezdaantiin biyyattii ana jechuun labsuu isaa hordofuun, biyyoonni addunyaa gurguddoon faallaa lamaan  goranii deeggarsi kennaa jiran haala biyyattii keessa jiru hammeesseera.

Haaluma kanaan Raashiyaa fi Chaayinaa prezdaant Nikolaas Maaduuroo kan deeggaran yoo ta’u, Ameerikaa fi biyyoonni dhihaa baay’een ammoo hogganaa paartii mormituu Juan Guaido prezdaantii Venezuweelaati jedhanii beekamtii kennaniifii deeggaraa jiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button