header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Filippiin keessatti Obomboleettiin galaanaa irraa ka’e lubbuu namoota 130 ol galaafate.


Filippiin kutaalee gara garaa keessatti Obomboleettiin galaana irraa ka’e sigiga lafaatii fi lolaa hordofsiisseen, lubbuu namootaa 130 ol kan balleesse tahuu qondaaltonni biyyattii beeksisan. Balaa kanaan kutaa biyyattii Lana’o del Norte jedhamu keessatti namoota 62 akksumas kutaa Zamboanga del Norte jedhamu keessatti ammoo 47 kan galaafate tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Naannoolee biyyattii Lanao del Sur, Bukidnon, ligan fi Dava’o jedhaman keessattis waliigalatti namoonni 29 balaa kanaan kan du’an tahuu gabaasichi ni addeessa. Hojjaattoonni yeroo balaa, lolaa cimaa fi haalaa qilleensaa rakkisaa biyyattii keessatti uumameen, naannooleen hanga ammaatti hin deeggarsa hin argatin kan jiran tahuu ibsuun, lakkoofsi namoota du’anii kana calaa dabaluu mala jechuun himan.
Obomboleettiin halkan edaa Kibbaa biyyattii galaafate kun saffiisaan gara jiddu gala biyyattiitti kan dhiyaate akka tahes beekameera. Filiippiins yeroo heddu waggaa keessatti obomboleetti 20 ol tahuun rukutamti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button