Dooniin lammilee Ityoophiyaa 70 ol fe’attee Galaana Diimaa irra imalaa turte dhidhimuu gabaafame

Dooniin tun lammiilee Ityoophiyaa fe’attee Jibuutii irraa gara Yaman kan imalaa turte yoo tahu, halkan Sabtii dabree galaana Diimaa keessatti kan dhidhimte tahuu gabaafame. Namoota balaa kanaan du’an jidduu 60 dhalattoota naannoo Tigraay aanaa Atsbii Wanbartaa yoo tahan, mootummaan naannichaa Alhada fi Isniina kaleessaa du’a namoota kanneenii  maatiiwwan 40 oliif kan ibse tahuu FBC’n gabaase.

Namoonni balaa kanaan du’an kanneen biroo garuu lammiilee Ityoophiyaa tahuu malee naannoon isaanii hin beekamne.

 

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
5 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
bushra
3 years ago

maasha’allaah hedduu akkagaaritti qopheessujirtan bareedadha jabaadhaa jajjabaadha rabbi isinbira haajiraatu.

saadam
3 years ago

Jaabaadha sochiin yookan hojiin keessan baay’ee gaariidha

jafer
3 years ago

jajabadha rabbin isin hagargaruuu

kamaal umar Roobalee
3 years ago

mashaa Allah !jabaadhaa oduulee ijoo adunya saganta TV irratti dhiyeesuun dhageefattootaa kessaniif oduu haqa dhageesisaa .maalif yoo jettan oduu barbaachaf dhageefatoonni akka chaanaali hin jijjiire,daw’a gaggabaaboo fi beekumsaa islaama argisiisan itti aansa.www

Saboontuu arsii
3 years ago

uuuuf yomumaa duutii akka malee kunii nuraa dhabatii yaa allah

5
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x