Hogganaan mana marii waraana Suudaan Jeneraal Abdulfattaah Burhaan har’a waaree booda Finfinnee kan seene yoo tahu, muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad Jeneraalicha waajjira isaatti simachuun mari’atanii jiru.
Related Posts
Hoggantoonni lamaan haala yeroo Suudaan irratti marii geggeessaniin, Dr. Abiy Ityoophiyaan dhimma biyyoota ollaa keessa kan hin seenne tahus, Suudaanitti mootummaan cehumsaa qaamota hunda hirmaachise akka hundaayu fedhii kan qabdu tahuu Jeneraal Burhaaniif kan ibse tahuu odeeyfannoon Waajjira Muummicha ministeeraa irraa bahe ni addeessa.