header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Oromiyaa Koree deeggarsa harka qalleeyyiif walitti qabu hundeesse

Majlisni naannoo Oromiyaa, lakkoofsi namoota dhibee Koroonaa Vaayirasiin qabamanii biyyattiitti dabalaa jiraatuu hordofuun, sadarkaa Oromiyaatti koree deeggarsa harka qalleeyyiif walitti qabu hundeessuun kan socho’aa jiru tahuu ibse

Haaluma kanaan caasaaleen Majlisa sadarkaa godinaa irraa hanga gandaatti jiraniis, koree ummata irraa harka qalleeyyiif deeggarsa walitti qabu ammarraa akka hundeessan gaafate.
Koreen sadarkaa gadii hundeeffame kunis waan irra gahan gabaasa akka dhiheessan gaafate.

Hawaasni Muslimaa ammoo yeroo dhukkubni hamaan kun biyya keenya keessatti tatamsaa’a jiru kanatti waliif Rahmata godhuu akka qabnis dhaame.

Guyyaa har’aa qofa biyyattiitti namoonni dhibee kanaan faalaman 3 argamuu fi waliigala namoonni 38 qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksise.

3 Comments

  1. gogogoraa qubeetif dhifaama، haayoota keena rabbiin umrii isaani nuuf haa dheeresuu jechuu feedhettti Jzk

    dhumaa irrattis nuu miseensooni garee S&B

  2. ماشاءالله
    yaada gaariidha hootaa keena rakkiin umrii isaani nuuf haa dheeresuu inshaa allah Jzk
    wayyeen rakkiin biyaa keena akka namaa tokko tti anaayuu yaada cimaa naati taa’aa jira.
    motumaan nyaata gargaaruu hin daanda’uu egaa jedhe, warootaa maagaala jiraani, kaafaltti bishaani, fi ifaa, osoo irraa dhaabe naati tolaa,akkasumaa warooni manaa kireessanilee kafaaltti ji’aani kafaalamuufi osoo rabbii irratti hergaatanii, ummata miskiin kaafalttif rakkisuu osoo baataani yaa Mashaa All.

    hundaafuu, Nuuralhuudaanis nuu baqaatoota biyyaa namaa jiruu bakka bu \”uun degaarsaa babaachuusuu goodhu qaba. waan gaigaarsaa taa’aa jetaani yaadanii nuu miseensa S & B nuu gaafadhaa. isiin wajiin jiraa rabbii gaaditti شاء الله

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button