header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Prezdaantiin Somaaliyaa Daawannaa hujitiif Finfinnee seenee

Jilli mootummaa Somaaliyaa prezdaant Muhammad Abdullaahi Muhammadiin durfamu kun ganama har’aa Finfinnee kan seene yoo tahu, Muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad, Ministeera haajaa alaa Obbo Gadduu Andaargaachoo fi qondaaltonni mootummaa ityoophiyaa heddu buufata xiyyaara Booleetti argamuun simannaa godhaniifii jiru.

Prezdaant Muhammad Abdullaahi fi jilli isaa dhimmoota diinagdee, Siyaasaa fi nageenya naannicha irratti Dr. Abiy fi qondaaltota mootummaa Ityoophiyaa gara garaa waliin kan mari’ate tahuu odeeyfannnoon ni addeessa.

Dhiheenya kana Maappiin Somaaliyaa fi Ityoophiyaa walitti makuun muli’isu weebsayitii ministeera haajaa alaa ityoophiyaa irratti eega maxxanfamee booda lammiilee Somaaliyaa kan dallansiise yoo tahu, mootummaan Ityoophiyaa Maappiichi itti yaadamee kan maxxanfamee miti jechuun dhiifama gaafate.

 

5 Comments

  1. As wr wb yadni kiya waahe zakkaati zakkan kan wajjabuu qarshii hangamii olii kan baasun irrati dirqamuu ?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button