header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli mootummaa Qaxar ministeera haajaa alaa biyyattitiin durfamu Ityoophiyaa daaw’ataa jira

Jilli qondaaltota mootummaa Qaxar ministeera haajaa alaa biyyattii Sheikh Muhammad Bin Abdurrahmaaniin durfamu Ityoophiyaa kan daaw’ataa jiru yoo tahu, har’a waaree booda  Dr. Abiy Ahmad waliin kan mari’ate tahuun beekamee jira.

Waajjirri Muummicha Ministeeraa ibsa baaseen, daaw’annaan qondaaltota ol’aanoo mootummaa qaxar kun,  muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad Bitootessa bara 2011 gara Qaxar imaluun, hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf marii Amiira Qaxar waliin godhe booda,  raawwii walii galtee sanii irratti mari’achuuf, akkasumas projektoota walii galtee san keessatti hammataman jalqabsiissuuf akka tahe ibsame.

 

Ministeerri haajaa alaa Qaxar Sheik Muhammad Bin Abdurrahmaan marii kana irratti, akkaatuma walii galtee hoggantoonni lamaan bara dabre Dohaa keessatti mallatteessaniin, Qaxar hojiilee investimantii keessattuu hoteela, warshaa sukkaaraa, misooma turiizimii fi ijaarsa Jiddu gala wal’dhaansa dhibee Kalee Ityoophiyaa keessatti jalqabsiisuuf qophaahuu hime.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button