Barattoonni aanichaa Raadiyoo Nagaashiitiif akka ibsanitti, qondaaltonni biiroo barnoota aanaa Burraa barsiisto jibbiinsa amantaa Muslimaa qaban waliin tahuun,manneen barnootaa 17 keessatti barattoonni qormaata biyyoolessaatiif qophaayaa jiran, guyyaa iidaatiin qormaata moodeelii akka fudhatan kan dirqisiisan tahuu ibsan.
Barattoota muslimaa guyyaa iidaatiin qormaata kana hin fudhannu jechuun didan ammoo qondaaltonni biiroo barnoota aanichaa qormaata biyyoolessaa (Ministirii) hin fudhattan jechuun kan sodaachisaa jiran tahuun beekamee jira.
Aanicha keessatti caasaa mootummaatti fayyadamuun dhiibbaan muslimoota irratti godhamu yeroo dheeraaf kan ture akka taheefi, kanaan duras aanichatti muslimoota Masjiidatti salaatanii bahaa turan irratti ajjeechaan jumlaa kan raawwatamee yoo tahu, dhiibbaa qaamota mootummaatiin namni tokkollee seeratti osoo hin dhiyaatin kan hafe tahuu jiraattonni aanichaa himan.