header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Lammiileen Keeniyaa 4 Biskileetaan Sirna Hajjii Bara 2019 irratti hirmaatuuf Magaalaa Naayiroobii irra kahan.

Lammiileen Keeniyaa Afran har’a Magaalaa Naayiroobii irraa kan ka’an yoo tahu, Kilomeetra 4500 qaxxaamuruun guyyaa 45 keessatti magaalaa Kabajamtuu Makkaa ni gahan jedhamee eeggama. Daandiin imala hujjaajota kanneenii, Naayiroobii irraa Mooyyalee, Mooyyaalee irraa ammoo Finfinnee yoo tahu, Finfinnee irraa daangaa Matamaa qaxxaamuruun Suudan kan seenan taha. Dhumarrattis Suudaan gamaa kaabaa qaxxaamuruun magaalaa Kabajamtuu Makkaa seenuuf kan karoorfatan tahuu ibsame.

Kayyoon imala kanaa gamoo Mana barumsa Islaamaa Al Furqan kan magaalaa Naayiroobii ijaarsisuuf galii walitti qabuuf tahuu ibsan.

 

11 Comments

  1. ماشاء الله ماشاء الله ماشاء الله ماشاء الله
    Akkana taatu nuti warri Oromiyaa faan maallaqa dila kana kaffaluu irra peedaalaan dhaquun irra filatamaa nuuf tahee jira.

  2. Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa rabbin isaani Haa qarqaaruu

  3. Maashaaaaaaallha maashaaaaaaallha maashaaaaaaallha maashaaaaaaallha maashaaaaaaallha raabin isanii haa lafisufii inshaaaaaaaaaaaaaaalh

  4. maashaa Allah rabbiin isaan haagargaaru hamtuu rabbiin irraa haa qabu
    jabaadhaa warri NH jzk

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button