header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Filannoon biyyooleessa Itoophiyaa dabarfame

Boordiin filannoo biyyoolessa Itoophiyaa ibsa guyyaa har’aa kanneen, sababa weerara dhibee Koroonaa-Vaayirasiin walqabatee rakkoowwan dhufan hordofuun filannoon biyyooleessa Itoophiyaa bara 2012 guyyaa qabamee turetti geggeessuun kan hin danda’amin tahuu beeksise.
Boordichi ibsa isaa kana irratti, hojiiwwan ji’a Bitooteessaa fi Eblaa keessa haal-duree filannoo mijjeessuuf hojjetamuu qaban hedduutu jira.
Hojiiwwan kunneen immoo akka hin hojjetamne qajeelfama mootummaan tatamsaa’a weerara dhibee Koroonaa Vaayiras to’achuuf baaseen danqamuu ibse.
Kana malees hojjattoonni
mootummaafi dhaabbilee idil-addunyaa boordichaaf deeggarsa godhan manaa akka hojjatan murteeffamee jira. Dhaabbileen idil-addunyaa ammoo hojjattoota isaanii gara biyyaa isaaniitti akka deebi’an waan godhaniif, galmeen filattootaa baatii Eblaa keessaa eegalamuuf ture irratti dhiibbaan umameera jedhe.
Boordichi yeroon filannoof qabamee ture dabarfamuu malee, ‘filannoon guyyaa kana geggeeffama’ wanti jedhe hin jiru.

4 Comments

  1. kheeyriimaafi in shaa Allah!!

    rabbiin dhukkubaa kaana nuuraa haa kaasuu haala keenna laalee nuuni haalakiini☝😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button