header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni Marii Waraana Suudaan fi Gamtaan mormitootaa yaada araaraa Ityoophiyaan dhiheessite irratti marii jalqabuuf akka tahan ibsame

Mootummaan Ityoophiyaa wal dhabbii Suudaan keessatti uumame jaarsummaan furuuf carraaqqii jalqabuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan Dr. Abiy Ahmad torbee dabre gara Khaartuum imaluun, haala nageenya biyyattii irratti qondaaltota mana marii waraana Suudaan fi gamtaa mormitootaa waliin eega mari’atee booda, Ambaasaaddar Muhammad Driir adeemsa jaarsummaa kana akka hogganuuf muuduudhaan gara Finfinnee deebi’e.

Ambaasaaddar Muhammad Driir marii araaraa kana ilaalchisee halkan edaa Khaartuum keessatti ibsa kenneen, gamni lamaanuu yaadaa araaraa Ityoophiyaan dhiheessite irratti mari’achuuf kan hayyaman tahuu beeksise. Haaluma kanaan mormitootaa fi hoggantoonni waraana Suudaan mootummaan ce’umsaa siviilotaan hogganamu haala itti hundeeffamu irratti xiyyeeffachuun marii ni jalqabu jedhamee eeggama.

Ambaasaaddar Muhammad Driir akka jedhetti, humnoonni Suudaan gama lamaan jiran marii kana jalqabuun duratti wal amantaa uumuudhaaf tarkaanfii muraasa kan fudhatan tahuu hime. Haaluma kanaan Manni Marii Waraana Suudaan mormitootaa hidhee ture gad lakkisuuf waadaa kan gale yoo tahu, gamtaan mormitootaa ammoo mormiin ummataa yeroodhaaf akka dhaabbatu waamicha kan dabarse tahuu ibsame.Suudaan Khaartuum

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button