Dhibeen Iboolaa ammas akka haarayaatti Koongoo-DRC irraa gara biyyoota ollaa babal’ataa jirachuun ibsame
Dhibee iboolaa ji’oota muraasa dura Koongoo DRC keessatti ka’een, yoo xiqqaate namoonni 1400 du’uu ibsame ture. Amma ammoo dhibeen kun akka haarayaatti ka’uun Koongoo irraa gara biyyoota olla, keessumattuu gara Ugaandaa fi Ruwaandaa kan babal’ataa jiru tahuu BBC’n gabaase.
Mootummaan Ugaandaa yeroo jalqabatiif lammiileen biyyattii dhibee iboolaatiin qabaman akka jiran eega labsee booda, yoo xiqqaate namoonni lama dhibee kanaan kan du’an tahuu gabaafame. Kanuma hordofuun Ruwaandaan daangaa Koongoo DRC fi Ugaandaa waliin qabdu irratti too’annaa cimsitee jirti.
Dhaabbiileen qorannoo Fayyaa idil addunyaa dhibeen iboolaa yeroo lammaataa Koongoo keessatti ka’e kun saffisaan babal’ataa jiraachuu akeekkachiisaa jiran.
Daayrektarri dhaabbata ‘Wellcome Trust’ jedhamu Dr. Jeremy Ferrar akka jedhetti, dhibeen iboolaa Koongoo keessatti bara 2013-16tti mul’ate baay’ee cimaa ta’uu ibsuun, kan ammaa kun garuu haalaan yaachisaa tahuu hime.
Sagaan Teessan Gaariidha
AswrbMashaalla jabaadha rabbiin kiyya isiin worreen teknikafi hojjetoota nuralhudaa hundalle uztaazoota keenyalee rabbiin kayirii dhuma hin qabnee isiin haa badhaasu jezakallahu wokayiran
Rabini ira nu bararu