header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

“‹”‹Majliisa Naannoo Oromiyaatiif hoggantoonni haaraya muudamuu beekame

Manni mare dhimmoota Islaamaa hoggantoota majliisa naannoo Oromiyaa duraanii hunda aangoo irraa buusuun, hoggantoota haaraya muude. Haaluma kanaan hoggantoota Majliisaa 4, Ulamaa’ota 7 fi miseensonni boordii ce’umsaa 7 kan muudaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Namoonni muudaman kunniin:
Hoggantoonni Majliisaa afran:
1.Sheikh Hajjii Ibraahim ““Prezdaantii majliisa naannoo Oromiyaa
2. Dr. Jeylaan Galaata- Itti aanaa Prezdantii majliisa naannoo Oromiyaa
3. Sheikh Misbaah Abdurrahman- barreessaa majliisa naannoo Oromiyaa
4. Sheikh Abdulhamiid Ahmad: Itti gaafatamaa dhimma Hajjii tahuun muudaman.
Mana marii Ulamoota naannichaatiif:
Sheikh Muhammad Siraaj
Sheikh Muhsin Ahmad
Sheikh Tamaam Ibraahiim Galataa
Sheikh Muhammadnuur Muhammad
Sheikh Jamaal Aliyyii
Sheikh Shaafii Yaasiin fi
Sheikh Sa’id Muhammad Suruur filatamuun beekameera.

Namoonni Miseensota boordii cehumsaa tahuun muudaman:
1. Injinar Kaliil Abbaa Boor
2. Muhammad Amiin haaj Iksiir
3. Badruu Nuuruu Tolosaa
4. Jibriil Usmaan
5. Badruu Muhammad
6. Moosisa Ibsaa fi
7. Muhammad Sanii Mujaahid tahu odeeyfannoo ni addeessa.
#Majliisa_Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button