header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hoogganaa paartii Ginboot 7 obbo Andargaachawu Tsiggee dabalatee namoonni 500 ol hidhaa irraa lakkifaman

Hoogganaan olaanaa Dhaabbata Ginboot 7 obbo Andaargaachawu Tsiggee mootummaa Itoophiyaatiin himatamee bakka inni hin jirretti adabbiin du’aa itti murtaayee ture. Waggaa 4 dura ammoo Yaman keessatti humnoota tikaa mootummaa Itoophiyaatiin ukkaamfamee gara biyyaa eega deebifamee booda hidhaa irra kan ture tahuun ni beekama.

Namoota 500 ol mootummaan Itoophiyaa dhiifamaan mana hidhaatii guyyaa har’aa gad lakkise keessaa Obbo Andargaachawu Tsiggee keessatti argama. Andargaachawun lammii Briteen yoo tahu, maatiin isaa London keessaa jiraata. Mootummaan Itoophiyaa guyyaa muraasa keessatti akka biyya lakkisee bahuuf kan murteesse tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button