header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii Somaaliyaa magaalaa Maqdishoo keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni  10 ajjeefaman

Haleellaa Alhada har’aa magaalaa Maqdishoo naannawa masaraa mootummaatti  raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni 10  kan ajjeefaman tahuu Poolisiin biyyattii ibse.  Haleellaan kunniin boombiiwwan makiinaa lama irratti kiyyeefameen kan raawwatame yoo tahu, boombiin tokkko naannawa Masaraa mootummaatti kan lammataa ammoo buufata xiyyaara magaalaa Maqdishootti dhoohe.

 

Qondaalli Poolisii magaalaa Maqdishoo Jeneraal Bashiir Abdi  Muhammad akka jedhetti,   Namoota ajjeefamaniin alattis daa’immanii fi dubartoota dabalatee namoonni 25 ol kan madaayan tahuu ibse.

Odeeyfannoo birootiin ammoo, Sabtii kaleessaatis daangaa Somaaliyaa fi Keeniyaa irratti boombii daandii irratti kiyyeeffameen,  poolisoonni Keeniyaa 10 kan ajjeeffaman tahuun beekamee jira.

5 Comments

  1. mootummaan masri kan duraani
    mohammad mursii sababa dhibee tokkoo malee du’aan addunyaa irraa boqatan

  2. hojiin keessan bareedadha haaluma kanaan itti fufaa

    yaanni gaaridha jabaadha
    yaanni kiyya akkuma barreefaman nudabarsitan kanatti oduu telvizonaanis dabarsu qabdanin ja. a

Comment

Back to top button