OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Jeneraal Asaaminaw Tsiggee ajjeefame

Raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin Federaalaa bulchiinsa naannoo Amaaraa waliin tahuun, Jeneraal Asaaminawu Tsiggee fi hidhattoota isaa kan adamsaa jiran yoo tahu, hanga ammaatti hidhattoonni heddu too’annaa jala kan oolfaman tahuu qondaaltonni naannichaa beeksisaniiru.
Haaluma kanaan Jeneraal Asaaminaw Tsiggee daandii Baah Daar fi Gondar jidduu iddoo Zanzlimmaa jedhamutti rukutamee kan du’e tahuu har’a waaree booda poolisii naannichaa waabefachuun EBC’n gabaase.
Gama biraatiin ammoo namoota guyyaa dheengaddaa rukutamanii hospitaalatti yaalamaa turan jidduu, Abbaan alangaa naannoo Amaaraa Obbo Migbaaruu Kabbaadaatis kan du’e tahuun beekamee jira.