header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Manni Murtii Siwiidiin uggura Hijaabaa barattoota Muslimaa irra kaahamee ture kuffise

Manni marii bulchiinsa magaalaa Skurup kan kaaba biyyattiitti argamu, bara dabre barattoonni shammaran Muslimaa umrii 13 gad tahan, mana barnootaatti Hijaaba akka hin uffanne ugguree ture.

Murtii mana marichaa kana barattoota Muslimaa fi barsiisootni bahanii balaleefachaa turan. Akkasumas Daayireekteeroonni manneen barumsa magaalichaa qajeelfama bahe hojjiirra oolchuu diduun, qajeelfamni kun akka ka’u mana murtii olaanaatti iyyaannoo dhiheessan.


Haaluma kanaan manni murtii olaanaa bulchiinsa Malmo ibsa guyyaa har’aa baaseen, murtii manni marii magaalaa Skurup dabarsee ture kan seeraa alatti jechuun kuffise.


Manni murtiichaa ibsa isaa kana irratti, uggurri kaahame kan walabummaa amantaa dhiibuu, kan waliigalteewwaan Awurooppaa labsii mirga amantaa ilaallatanii fi heera biyyattii faalleessu tahuu beeksise.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button