AfrikaaOdeeyfannoo

Gamtaan Mormitoota Suudaan wixinee araaraa Ityoophiyaan Gamtaa Afrikaa waliin tahuun qopheessite irratti kan mari’atu tahuu ibse

Ityoophiyaan carraaqqii mormitootaa fi mana marii waraana Suudaan walitti araarsuuf jalqabde itti fufuun, torbee dabre wixinee araaraa qopheessitee garee lamaaniif kan dhiheessite tahus, manni marii waraana Suudaan Ityopphiyaan qabxiilee wixinee kanaa jidduu muraasa Gamtaa Afrikaa waliin qindaahuun akka fooyyessitu gaafatee ture.

Haaluma kanaan Ityoophiyaan Gamtaa Afrikaa waliin tahuun wixinee araaraa fooyya’e qopheessuun kan dhiheessite yoo tahu, gamtaan mormitoota Suudaan wixineen fooyya’e kan isa dhaqqabe tahuu ibsuun, murtii dhumaa eega irratti mari’atee booda kan ibsu tahuu Sabtii har’aa beeksise. Manni marii waraana Suudaan garuu hanga ammaatti wixinee fooyya’ee irratti yaada hin kennine.

Qabxiin ijoon Wixinee kanaa mana marii mootummaa ce’umsaa siviilonni keessatti heddumaatan kan miseensa 15 qabaatu hundeessuun, yeroo ce’umsaa waggaa sadihiif biyyatti akka hogganu kan jedhu tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.
Wixinee araaraa jalqaba Ityoophiyaan qopheessite irratti lakkoofsi miseensota paarlaamaa ce’umsaa 300 akka ta’u, kana keessaa 67% gamtaa mormitootaa guddicha Alliance for Freedom and Change jedhamu kan mormii biyyattii qindeessaa ture irraa akka tahan, 33% ammoo gareewwan mormitootaa hafaniif kan kennamu tahuu ibsa. Dabalataanis paartiin prezdaantii duraanii Umar Al-Bashiir haala kamiinuu mootummaa ce’umsaa keessatti kan hin hirmaane tahuu ibsame.

Gamtaan paartiilee mormitootaa wixinee jalqaba Ityoophiyaan kophaa qopheessite kanas kan fudhatu tahuu beeksisee ture.

FB_IMG_1560333676301

 

Comment

Related Articles

Back to top button