header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paarlaamaan dhimma Mana Maree Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas filannoo naannoo irratti yaada murtii dhiyaate raggaasise

Paarlaamaan miseensota boqonnaa irra jiran yaamuun walga’ii ariifachiisaa har’a gaggeesseen, dhimmoota Mana Maree Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas filannoo naannoo ilaalchisee yaada murtii dhiyaatef qorachuun raggaasise.

 

 

Filannoon miseensoota mana maree magaaloota Dirree Dhawaa fi Finfinnee  akkasumas filannoon naannoo bara 2011 ni gaggeefama jedhamee kan ture tahus,  yeroo jedhametti gaggeessuun waan hin danda’amneef bara dhufu filannoo biyyaalessaa waliin akka gagggeeffamu murtaaye. Boordiin Filannoo warra filannoo raawwachiisan calalchuu, gurmeessuu fi leenjii kennuudhaaf yeroo ga’aa hin arganne sababa jedhe  waan dhiyeesseef karoorri filannoo kun kan dabre tahuu ibsame.

 

Haaluma kanaan, manneen maree Finfinneefi Dirree Dhawaa kan yeroo ammaa hojiirra jiran hojii isaanii akka itti fufan murtaaye.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button