header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gamtaan Awrooppaa deeggarsa Doolaara Biiliyoona tokkoo fi miiliyoona 500 Ityoophiyaa kennuuf walii galteen mallattaaye

Deeggarsi maallaqaa Gamtaa Awrooppaa irraa argame kun lammiilee Ityoophiyaa 400,000’f carraa hojii uumuuf kan oolu tahuu ibsame. Kessummattu maallaqni kun Paarkota Agroo Indaastirii, Investimantii fi jijjiirama gama mootummaatiin eegalame galmaan gahuuf kan oolu tahu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Deeggarsi kun karaa Dhaabbata United Nations Industrial Development Organization (UNIDO) jedhamutiin hujii irra kan oolu yoo tahu, haaluma kanaan Ityoophiyatti Ambaasaadarri Gamtaa Awrooppaa  Johan Borsam fi bakka buutuun ejensii misooma Indaastrii dhaabbata mootummoota gamtoomanii (UNIDO) walii galtee kana kan  mallatteessan tahuun beekamee jira.

 

Ministeerri Qonnaa Obbo Umar Huseen fi Ministeerri Daldalaa Aadde Fatleworq Gebregizaabiher, akkasumas qondaaltonni ministeera Maallaqaa Ityoophiyaa sirna mallattoo kana irratti argamanii jiru.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button