Ministeerri Diinagdee fi Maallaqaa Faransaay Bruno Lamer daaw’annaa hujiitiif har’a Finfinnee kan seene yoo tahu, muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahmad waliin deeggarsa diinagdee Faransaay Ityoophiyaa kennaa jirtu irratti kan mari’atan tahuu ibsame.
Related Posts
Dabalataanis Ministeerri Diinagdee fi Maallaqaa Faransaay, dureeyyonni fi Kaampaaniwwan biyya isaa Ityoophiyaa keessatti investimantii akka geggeessan mootummaan haala kan mijeessu tahuu hime.