header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Turkiyaa waggaa 86 booda har’a Masjiida Ayaa Soofiyaa keessatti salaata jum’aa salaataa jiran

Mootummaan Turkiyaan Masjiida beekamaa seeraan ala gara Muuziyeemiitti jijjiiramee ture, torbaan lama dura gara Masjiidaatti akka deebi’u murteessuun ni yaadatama. Labsii mootummaa Turkiyaa kana hordofuun, lammiileen biyyattii ministeerri amantaa hatattamaan haaromsee salaataa fi tajaajila amantaatiif akka qopheessu gaafataa turan. Haaluma kanaan Masjiidichi haaromsamee guyyaa har’aa salaataaf kan baname yoo tahu, Prezdaant Erdogan dabalatee lammiileen biyyattii kumatamaan lakkaahaman waggaa 86 booda Salaata Jum’aa Ayaa Sofiyaa keessatti salaataa akka jiran gabaafame.

Prezdaant Erdogaan Masjiidni beekamaan Ayasofiyaa jedhamu, kan seeraan ala bara 1934 murtii Kaabineetiin qofa gara Muuziyeemiitti jijjiiramee ture, July 10/2020 irraa jalqabee gara Masjiidaatti deebi’uu labse. Prezdaantichi labsii kana kan baase manni murtii ol’aanaan biyyattii dhimmicha ilaalaa ture, mootummaan yeroo san Turkiyaa bulchaa ture Masjiidicha seeraan ala gara Muuziyeemiitti kan jijjiire tahuu eega murteessee booda. Erdogaan salaata Jum’aa booda guyyaa seena qabeessa kana ilaalchisee lammiilee biyyattiitiif dhaamsa ni dabarsa jedhamee eegama.

Ayasoophi

6 Comments

  1. isin warra akkati seena adda addaa kan waa’ee amantii Islaamaa gorsa nuuf dabarsitan
    galata keessaniif Rabbiin isiniif haa kennuu

  2. Assalaamu waaleykum waraahmatullaah waraahmatullaah akkam nagaa jirtuu maatii Nuur Al Hudaa Miidiyaa.
    Barnoonni isin irraa dabru, baay’ee kan nama gammachiisuu fi nama harkisuu.
    Jabaadhaa, Rabbi isin haa gargaaru

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button