header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Boris Johnson Muummicha ministeera Briteen tahuun muudame

Rifarandamii June 23, 2016 geggeeffameen, umaatni Briteen Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf sagalee caalmaa taheen eega murteessee booda, mootummaan biyyattii hariiroo daldalaa, hawaasummaa, nageenyaa fi diinagdee Briteen fuulduraaf Gamtaa Awrooppaa waliin qabaattu ilaalchisee sanadii walii galtee “Brexit Deal”jedhamu qopheessee ture. Haa ta’u malee Paarlaamaan biyyattii sanadii dhihaate yeroo heddu eega kuffisee booda, muummittiin ministeera Briteen duraanii Tereesaa Meey ji’a tokko dura taayitaa gadi lakkisuuf kan qophaayaa jirtu tahuu beeksiste.

 

Kanuma hordofuun Paartiin Briteen bulchaa jiru kan “Conservative Party”jedhamu kaleessa kantiibaa magaalaa London duraanii Boris Johnson hogganaa haaraya godhuun filate.  Haaluma kanaan Arba’aa har’aa Boris Johnson, muummitti ministeera duraanii Teresa May bakka bu’uun aangoo muummicha ministeeraa kan fudhate tahuun beekamee jira.

 

Boris Johnson kanaan dura ministeera haajaa alaa Briteen tahuunis hojjatee jira.

 

Mr Johnson nama hidda dhalata Turkiyaa qabu yoo tahu, muslimootaa fi namoota gurraacha ilaalchisee yaada jibbiinsaa barreessuu fi dubbachuun beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button