
Waraanni Mootummaa Suuriyaa Idliib keessatti duula bal’aa jalqabuuf kan qophaayaa jiru tahuu gabaafame
Suuriyaa kutaa Idliib keessatti naannawa hidhattootaa fi meeshaalee waraanaa irraa bilisa tahe daangessuuf Turkiyaa fi Ruusiyaan bara dabre walii galtee mallatteessuun ni yaadatama. Naannoon lola irraa bilisa akka tahuuf yaadame ture, kutaa idliib kan naannawa finciltoonni too’atanii fi kutaalee mootummaan Suuriyaa bulchuu jiddutti argamu akka tahu walii galan. Haaluma kanaan walii galtee san hordofuun bara dabre irraa eeggalee naannichi tasgabbii keessa kan ture tahus, dhiheenya kana walitti bu’iinsi akka haarayaatti kan ka’e tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Guyyaa lamaan dabran ammoo mootummaan Suuriyaa michuu isaa Ruusiyaa waliin tahuun Idiliib keessatti qilleensa irraan haleellaa kan jalqabe yoo tahu, finciltoota irratti duula bal’aa tahe jalqabuudhaaf kan qophaayaa jiru tahuu gareen waraana Suuriyaa hordofu ibse.
Mootummaan Suuriyaatis ibsa baaseen akka jedhetti, finciltoonni Turkiyaan deeggaraman walii galtee dhukaasa dhaabuu kanaan dura mallatteeffame diiguun haleellaa naannawa Idliib keessatti raawwataa jiran qolachuuf duula haaraya jalqabuuf qophii xumuruu beeksise.
Ministeerri haajaa alaa Turkiyaa Mavlut Kavusoglu dhimmicha irratti yaada kenneen, mootummaan Suuriyaa Idliib keessatti duula waraanaa geggeessuuf kan qophaayaa jiru tahuu ibsuun, naannichi rakkoo hamaa keessatti osoo hin deebi’in dura mootummaan Suuriyaa karoora isaa akka haqu hawaasni addunyaa dhiibbaa cimaa godhuu qaba jedhe.
Lolli waggoota saddeetii oliif Suuriyaa keessatti adeemaa jiru kun lammiilee nagayaa kuma 200 ol kan galaafate yoo tahu, lammiileen biyyattii miiliyoona 3.3 ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa kan buqqifaman tahuu gabaasaaleen ni mul’isu.