header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mootummaan Masri Dhoohinsi kaleessa lammiilee biyyattii 20 ol galaafate boombii Konkolaataa irratti kiyyeefame tahuu ibse

Ministeerri dhimma biyya keessaa Masri kaleessa galgala ibsa baaseen, magaalaa Kaayiroo keessatti  konkolaataan saffisaan deemaa ture tokko kanneen birootiin walitti bu’uun dhoohinsa uumameen, yoo xiqqaate nammoonni 20 du’uu fi 47 ammoo madaayuu beeksisee ture. Poolisiin biyyattii ibsa guyyaa hara’aa baaseen ammoo, konkolaataan balaa kanaaf sababa tahe  boombii fe’atee akka tureefi,  seeraan ala gara kallattii hin hayyamamnee saffisaan osoo imalaa jiru walitti bu’iinsa uumameen boombichi kan dhoohe tahuu ibse.

 

Prezdaant Abdulfattaah Al-Sisi miidiyaa hawaasummaa Twitter fi Facebook irratti balaa yaada guyyaa har’aa kenneen ammoo,  balaan hospitaala Kaansarii magaalaa Kaayiroo keessaatti argamu fuul duratti kaleessa galgala lammiilee biyyattii heddu galaafate ‘ gocha shororkeessitootaan qindaahe”jedhe. Prezdaantichi maatii lammiilee balaa kanaan midhamiiniitiifis jajjabina hawwe.

Balaa Kaayiroo1

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button