header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Bulchiinsi Traamp fi Qondaaltonni waraana Ameerikaa dhimma loltoota isaanii Iraaq keessaa baasuu irratti kan wal dhaban tahuu gabaafame

Ajjeechaa Jum’aa dabre Ameerikaan Baagdaad keessatti raawwatte hordofuun, Paarlaamaan Iraaq wixinee seeraa waraanni Ameerikaa biyyattii keessaa akka bahu gaafatu Alhada dheengaddaa raggaasisuun ni yaadatama. Murtii paarlaamaa Iraaq kana hordofuun Traamp jalqaba irra yaada kenneen, mootummaan Iraaq baasii ijaarsa buufataalee waraanaa fi deeggarsa biyyattii kennaa turre hunda hanga nuu kafalutti, Ameerikaan loltoota isii Iraaq keessaa hin baastu jedhe.

Haata’u malee Iraaqitti ajajaan waraana Ameerikaa Jeneraal William Seely, Xalaya muummicha ministeera Iraaq fi qondaaltota waraana Iraaq’f barreesseen, “Murtii Paarlaamaan Iraaq fi muummicha ministeeraa irratti hundaayuun, loltoota keenna guyyaa muraasa keessatti Iraaqi baasuuf qophii jalqabnee jirra”jedhe. Muummichi ministeera Iraaq Adil Abdul Mahdi gama isaatiin, xalayaan loltoonni Ameerikaa Iraaq keessaa bahuuf qophii irra jiraachuu ibsuu, kan hogganaa humna waraana Amerikaatiin barraahe kan isa dhaqqabe tahuu mirkaneessee jira.

Xalayaa kana ilaalchisee Ministeerri Ittisa Ameerikaa Mark Esper yaada kenneen ammoo, Iraaq keessaa loltoota baasuuf hanga ammaatti ajajni mootummaa irraa kenname kan hin jirre tahuu ibsuun, haala xalayaan kun itti barreeffameen kan qorataa jiru tahuu beeksise.
Ameerikaan loltoota 5200 ol Iraaq keessaa kan qabdu yoo tahu, murtii paarlaamaa Iraaq kana hordofuun wiirtuu ajaja waraana isii Baagdaad keessa ture, guyyaa lama dura gara Kuweeyt kan jijjiirte tahuus miidiyaaleen gabaasaa jiran.

Xalayaa Waraana Ameerikaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button