header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri barnootaa caasaa sirna barnootaa haaraya qopheessuu beeksise

Caasaan Sirna barnoota haarayatti qophaahe sadarkaa sadi kan qabu akka taheefi, haaluma kanaan waggaan 6 sadarkaa jalqabaa, waggaan 2 barnoota jiddu galeessaa, waggaan 4 ammoo sadarkaa 2ffaa akka ta’utti kan qophaaye tahu Ministeerri Barnootaa beeksise.

 

 

Ministeerri Barnootaa Dr. Xilaayee Geetee akka ibsetti, sirna barnootaa haaraya 6-2-4 jedhamee moggaafame kanaan, Barattoonni kutaa 6ffaa yeroo xumuran qormaata naannoo kan fudhatan yoo tahu, qormaanni kutaa 8ffaa kanaan duraa sadarkaa naannootti kennamaa ture hafee; kan biyyoolessaa ta’a jedhe. Haaluma kanaan qormaanni biyyoolessaa kutaa 10ffaa kan hafu tahuu ibsame.

 

Ministeerri barnoota akka ibsetti,  qormaanni kutaa 12ffatti kennamu ammoo kan barattoonni qabxii gahaa fidan gara dhaabbilee barnoota olaanootti ittiin seenan akka tahu murtaahee jira.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button