header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Korri tokkummaa fi Tumsa Ulamaa’ota Itoophiyaa Milkiin goolabame

Walgahiin koree Hawaasa muslimaa Jijjiirama dhaabbataa fiduuf muummicha ministeeraatiin hundaayeen qophaa’e kun magaalaa Finfinnee Hoteela Kaapitaal keessatti kan geggeefame yoo tahu, Ulamaa’onni, Ustaazoonni, Aktiiviistoonni fi qamoonni hawaasa muslimaa guutuu biyyaa irraa dhufan dhimmoota tokkummaa hawaasa muslimaa irratti mari’ataa oolanii jiru. Kaayyoon walgahii kanaa inni guddaan hawaasni muslimaa Kilaafa jidduu isaa jiru dhiisuun, tokkummaan rakkoo jiru furatuu irratti akka xiyyeefatu kan jedhu yoo tahu, qoraannoowwaan ulamaa’ota gurguddoodhan mataduree kana irratti qopha’aanis dhihaataanii jiru.

 

Dura taa’aa koree miseensota saglanii kan tahan Muftiih Haaj Idiriis kora kana haasayaan kan jalqabsiisan yoo tahu, Karooraa fi Gabaasa jiru immoo Dr Idiriis dhiheessaanii jiru. Itti aansuun Prezdaantiin Majliisaa Sheikh Muhammad Amiin adeemsa jiru eega dhiheesseen booda, barruun qorannoo dhimma tokkummaa irratti Aaliima guddaa biyyaa keenya kan tahan Dr Jeeyilaan Khadiiriin qopha’e dhihaatun sagantaan waaree dura jiru golabame. Waaree booda irratti immoo Barruu qoraannoo Profesar Aadam Kaamiliin qophaye hirmaattootaaf eega dhihaate booda mariin kan itti fufee oole tahuun beekameera.

 

Dhuma irratti Ibsi ijjaannoo qabxiilee 10 qabu Ustaaz Ahmaddiin Jabaliin eegaa dubbifamee booda guuca walii galtee qophaa’e irratti ulamaa’onni hundi maallateessuun korri kun kan goolabame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button