header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iiraan meesha waraanaa misaa’ela qilleensa irratti qolatu oomishuun eebbisiste

Iiraan meeshaa waraanaa misaa’ela qilleensa irratti qolatu kan Bavara-373 jechuun moggaaste hojjachuun,  guyyaa kaleessaa bakka prezdaantiin biyyattii Hasan Rohaanii argametti raayya ittisa biyyattitiif kan dabarsite tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Iiraan bara 2010 meeshaa misaa’ela qolatu S-300 jedhamu Raashiyaa irraa bituudhaaf yaaliin goote qoqqobbii irra kaahamee tureen eega fashalaayee bode, meeshaa ittisa misaa’elaa kana biyya keessatti oomishuuf hojii kan jalqabde tahuu ibsame.

 

Prezdaant Hasan Rohanii sirna eebbaa kana irratti haasaya godheen “meshaan waraanaa Iiraan biyya keessatti hojjatte kun kan Raashiyaa isa jalqabaa S-300 jedhamu kan caalu yoo tahu, gama hundaan meeshaa ittisa misaa’elaa Raashiyaa isa hammayyaa S-400 jedhamutti kan dhiyaatu”jechuun ibse.

 

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Iiraan Amiir Haataamii  televizhiina biyyattiitiin akka ibsetti ammoo, “meeshaan waraanaa biyya keessatti hojjatame kun miidhaa qilleensaarraan ga’uu danda’u fageenya KM 300 irratti kan aragasiisu fi akkasumas jeettiiwwan fi misee’ela  fageenya Km 200 irratti rukutuu kan danda’u”jedhe.

 

Iiraan yeroo dhihoo as jeettiiwwanii fi markaboota dabalatee meeshaa waraanaa heddu biyya keessatti kan oomishaa jirtu yoo tahu, kunis industiriin ittisa biyyattii saffisaan kan guddataa dhufe tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

4 Comments

  1. mashaa alla rabbin isiniraa haa jallattu dalagaan tessan akkan namatti toltti barumssa gudda irraa argane

  2. mashaa alla rabbin isiniraa haa jallattu dalagaan tessan akkan namatti toltti barumssa gudda irraa argane

  3. hojiin teessan baay’isee namatti kan toluufi barsiisaa waan taateef akkanumaan itti nuufufaa
    isin jaalanna

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button