header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingOdeeyfannooUSA

Joo Baayidan Prezdaantii Ameerikaa 46ffaa tahuun filatame

Filannoon Prezdaantummaa Ameerikaa bara 2020 geggeefamaa ture injifannoo Paartii Dimokraatootan goolabame. Haaluma kanaan kaadhimamaan Paartii Dimokraat kan ta’e Itti aanaan Prezdaantii Ameerikaa duraanii Joo Baayidaan sagalee 270 ol kan Prezdaantii tahuuf barbaachisu argachuun Tiraamp injifate.

Filannoon prezdaantummaa Ameerikaa, waggaa Afur-Afuriin geggeeffama. Namni tokko immoo jireenya isaa keessatti marsaa 2 qofa filamuu danda’a. Haaluma kanaan Prizdaant Traamp Filannoo bara 2016 Paartii Ripaabliikaan bakka bu’uun dorgomee aangoo kan qabate yoo tahu, Marsaa 2ffaa kanaatti immoo injifatamee, prezdaantoota Ameerikaa marsaa jalqabaa qofa aangoo olaanaa mootummaa qabachuun biyyattii bulchan 12 jidduu tokko ta’ee jira.

Traamp sagaleen lakkaawamee osoo hin xumuramiin duraat ibsa Waayiit Haawus irraa kenneen injifadhee jira jechuun labse, Haata’u malee dubbiin akka inni dhaadate sun osoo hin taane garagalchaa taate argamte.

Akkasumas Traamp bu’aa filaannoo kana kan hin fudhannee tahuu gara Mana Murtii Olaanaa deemuun falmuu jira.

Maddi Odeeyfannoo CNN.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button