header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gaaffii zooniin Sidaamaa naannoo ta’uuf dhiheeffate irratti rifarandamiin Sadaasa dhufu kan geggeeffamu tahuu beeksise

Manni Maree Zoonii Sidaamaa karaa Mana Maree Naannoo Kibbaatiin, naannoo tahuuf rifarandamiin akka gaggeeffamuuf kanaan dura Boordii Filannoo Biyyoolessatiif gaaffii dhiheefatuu ibsamee ture. Kanuma hordofuun  Bordiin Filannoo Biyyaalessaa ibsa ji’a dabre baaseen, heera mootummaa irratti hundaa’uun yeroo dhihoo keessatti rifarandamii gaggeessuudhaaf qophii barbaachisu kan godhaa jiru tahuu ibse.

 

Haaluma kanaan boordichi ibsa har’a baaseen, gaaffii naannoo tahuuf dhihaate irratti ummatni Zoonii Sidaamaa sagalee isaa Sadaasa 3,2012 akka kennu kan murtaahe tahuu beeksise. Rifarandamii kana geggeesuuf Hagayya 30,2011 irraa jalqabee raawwachiistota filannoo 8,460 hujiin leenjisuu fi buufataaleen rifarandamii 1,692 hojiin qopheessuu kan jalqabamu tahuu ibsame.

 

Murtii ummataa kana raawwachiisuuf Birriin miiliyoona 75 fi kuma dhibba 6 fi kumni 15 kan barbaachisu tahuus ibsi Boordii Filannee irraa bahe ni mul’isa.

 

Ummanni Sidaamaa naannoo kibbaa irraa adda bahuudhaaf yeroo dheeraaf kan gaafataa ture tahuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button