header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Barataan Oromoo tokko Yuniversitii Wolloo keessatti ajjeefamuu gabaafame

Barataa Sa’id Xayyib ganama har’aa moora Yunivarsitichaa, naannawa Dormitarii barattootaatti eega rukutamee booda gara mana yaalaatti kan geeffame tahus, booda irra lubbuun kan dabre tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Ajjeechaa barataa kana irratti raawwatame booda walitti bu’iinsa barattoota jiddutti ka’e hordofuun, tarkaanfii humnaa poolisoonni fudhataniin barattoonni 9 ol ammoo kan madaayan tahuu ibsame.

Barataa Sa’id Xayyib dhalataa Godina Baalee aanaa Diinshoo yoo tahu, kutaa barnoota Marketing keessatti barataa waggaa lammaffaa tahuunis beekamee jira.

Yeroo dhihoo asitti Yunivarsitiilee keessatti ajjeechaan barattoota irratti raawwatamu kan baay’ataa dhufe tahuun, maatii fi barattoota yaaddoo guddaa keessa galchee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button