header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iiraan sadarkaa gabbina Niwkilarii omishituu ol guddisuuf sochii jalqabuu beeksiste

Iiraan sadarkaa gabbina Niwkilarii isii ol guddisuudhaaf,  omisha kuusaa qabdu warshaa  hammayyaa (centrifuge) sadarkaa ol’aanaa qabutti kan dabarsite tahuu beeksiste. Dubbi himaan dhaabbata Niwkilarii biyyattii Bahruuz Kamalvandii sabtii har’aa ibsa kenneen, “walii galtee bara 2015 hordofuun hojiiwwaan qorannoo fi gabbisaa dhaabnee turre hunda jalqabnee jirra, haaluma kanaan Niwkilarii sadarkaa gad aanaa kuusaa qabnu hunda  Jum’aa kaleessaa irraa jalqabee gara warshaa saffisaa fi qulqullina ol’aanaa qabutti dabarsinee jirra”jedhe.

 

Mootummaan Iiraan akka jedhutti , biyyoonni lixaa walii galtee bara 2015 irratti hundaayuun waadaa isaanii yoo kan eegan tahe garuu,  sochii oomisha Niwkilarii gabbisuu sadarkaa ol’aanaatti jalqabame kana kan dhaabu tahuu ibse.

 

Iiraan bara 2015 gabbisa Niwkilarii isii sadarkaa gad aanaa irratti dhaabuuf,  Ameerikaa dabalatee biyyoota 6 waliin walii galtee mallatteessitee kan turte tahuun ni beekama.  Kanuma hordofuun qoqqobbiiwwan Iiraan irra yeroo dheeraaf kaahamanii turan ka’uunis ni yaadatam.  Haata’u malee bulchiinsi Traamp bara dabre walii galteen  sun gahaa miti jechuun deebisee  Iiraan irra qoqqobbii kan kaahe yoo tahu, Iiraanis biyyoonni hafan waada walii galtee bara 2015 eeguu isaanii hamma mirkaneessanitti,  sochii Niwkilarii sadarkaa ol’aanaatti gabbisuu kan itti fuftu tahuu akeekkachiiste.

 

Biyyoonni walii galtee kana Iiraan waliin mallatteessanii turan Ameerikaa, Briteen, Faransaay, Jarman, Chaayinaa, Raashiyaa fi Gamtaa Awrooppaati.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button