header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli mootummaa Ityoophiyaa ministeera haajaa alaatiin durfamu daaw’annaa hujiitiif Raashiyaa seene

Jilli mootummaa Ityoophiyaa ministeera haajaa alaa obbo Gadduu Andaargachewtiin durfama kaleessa  galgala gara Raashiyaa kan imale yoo tahu, jilli kun ganama har’aa magaalaa Mooskoo yeroo gahetti, waajjira ministeera haajaa alaa Raashiyaatti hogganaan dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Joorj Toodyoo fi Raashiyatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Obbo Alamaayehu Taganuu simannaa godhaniifii jiru.

.

Waajjirri haajaa alaa Ityoophiyaa ibsa baaseen akka jedhetti, Ministeera Raayyaa Ittisa biyyaa Obbo Lammaa magarsaa dabalatee qondaaltonni mootummaa Ityoophiyaa heddu jila kana wajjiin gara Raashiyaatti imalan. Akka ibsa kanaatti imalli kun affeerraa mootummaa Raashiyaa irraa dhihaateen akka tahee fi kaayyoon isaa ammoo hariiroo biyyoota lamaanii kannneen akka daldalaa fi investimentii cimsuu, akkasumas nageenya naannoo Baha Afrikaa irratti mari’achuuf tahuu ibsame.

 

Haaluma wal fakkaatuun Ministeerri haajaaa Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov bara  2018 Ityoophiyaa daawwachuun isaa ni yaadatama.

Ityo Raashiyaa

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button