header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanaa qabxii seensa yunivarsitii bara 2012 ifa godhe

Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanaa qabxiin seensa yunivarsitii bara 2012 gosa barnoota afur irratti kan hundaayu akka tahe ibse. Kunis barattoota Saayinsii Uumammaatiif qabxii qormaata gosa barnootaa Afaan Ingilizii, Herreega, Iskoolastiiks Aptiitiyuudii fi Fiiziksii yoo tahu,  barattoota Saayinsii Hawaasummaatiif ammoo qabxii qormaata gosa barnootaa Afaan Ingilizii, Herreega, Skoolaastiiks Aptiitiyuudii fi Ji’ograafii irratti kan hundaayu tahuu ibsame.

 

Haaluma Kanaan:

  1. Barattoota Saayinsii Hawaasaatiif qabxiin seensaa: dubartootaaf 164 fi kanaa ol, dhiiraaf 174 fi kanaa ol
  2. Barattoota Saayinsii Uumamaatiif qabxiin seensaa: dubartootaaf 166 fi kanaa ol, dhiiraaf 176 fi kanaa ol,
  3. Dhunfaan warra qoramaatamaniif qabxiin seensaa: dhiiraaf 190 fi kanaa ol, dubartootaaf ammoo 185 fi kanaa ol
  4. Naannolee deeggarsa addaa barbaadaniif qabxiin seensaa Saayinsii Uumamaa, dhiiraaf 166 fi kanaa ol, dubartootaaf 156 fi kanaa ol
  5. Naannolee deeggarsa addaa barbaadaniif qabxiin seens, Saayinsii Hawaasaa, dhiiraaf 164 fi kanaa ol, dubartootaaf 154 fi kanaa ol
  6. Namoota dhagahuu hin dandeenyeef qabxiin seensaa, Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaatiis dhiiraaf 120 fi kanaa ol, dubartootaaf 115 fi kanaa ol
  7. Namoota ijaan arguu hin dandeenyeef ammoo Saayinsii Hawaasaa dhiiraaf 110 fi kanaa ol, dubartootaaf 105 fi kanaa ol ta’uu ibsame.

 

Barattoota dhaabbilee barnoota ol’aanoo dhuunfaa keessatti barachuu fedhaniif ammoo qabxiin seensaa 140 fi kanaa ol akka ta’u murtaahe.

Walumaagalatti bara kana barattoonni 142,821 gara dhaabbilee barnoota olaanoo kan  seenan tahuu Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanaa beeksise.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button