header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Emireets, Muummicha Ministeera Masrii Kan Duraanii Gara Kaayiroo Darbite

Ahmad Shafiiq filannoo prezdaantummaa Masrii bara 2012 irratti kadhimamaa kan ture yoo tahu, Prezdaant Muhammad Mursiin eega hinjifatamee booda U.A.E keessa jiraataa ture.  
Ahmad Shafiiq Arba’aa dabre,filanno prazdaantummaa Masrii bara dhufuu irratti kan hirmaatu akka ta’e eega beeksisee yeroo muraasa booda, mootummaan U.A.E akka gara biyya biroo hin imalle kan uggure tahuu gabaasni kun ni mul’isa.
Ahmad shafiq U.A.E’iin ugguramuu isaa dhaamsa Viidiyoo Aljaziiraaf dabarseen akka jedhetti;
“Mootummaan U.A.E akka ani biyyattii irraa hin baane nadhoorkuun heddu na ajaa’ibsiise; sababni isaatis naaf hin galle. Biyya tiyya karaa seera qabeessaan tajaajiluuf qophaayuu kiyyaaaf uggura narra kaayame kana ni balaalefadha” jechuun beeksise.
Ahmad Shafiiq dhaamsa isaa kanaan, mootummaan U.A.E. dhimma biyya isaa keessa harka galfachuu akka dhaabuu fi uggurri sochii isarra kaayame akka ka’uuf gaafatee ture. Haataahuu malee Sabitii kaleessaa Ahmad Shafiiq gara Kaayiroo kan darbame tahuu ejensiin odeeyfannoo U.A.E gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button