header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ministeerri dhimmoota namoomaa biyyattii akka jedhetti, balaa baaburaa ganama har’aa Kibba Baha Kongoo Naannoo Taangaanikaa keessatti muudate kanaan yoo xiqqaate namoonni 50 battalumatti kan du’an yoo tahu, namoonni 23 ammoo maadahanii jiru.

 

Kongoo keessatti waggoota muraasaa asitti balaan Baaburaa yeroo heddu kan muudatu yoo ta’u, sababni balaa kanaatis karaan baaburaa dolloomuu fi bulchiinsi dhaabbatichaatis malaamaltummaan xaxamuu waliin kan walqabatu akka  tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

 

Haaluma wal fakkaatuun waggaa lamaan dabran keessa qofa balaa baaburaa biyyattii keessatti muudateen,  lubbuun namoota 150 ol dabruu fi qabeenyi heddu barbadahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button