header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Indiyaa ummata miiliyoona lama galmee lammummaa irraa haqe

Mootummaan Indiyaa Kaaba baha biyyattii kutaa Assaam keessatti “yakka  lammiilee biyya alaatiin raawwatamu too’achuuf”sababa jedhuun ummata naannicha keessa jiraatu galmeessaa ture. Haaluma kanaan mootummaan naannichaa Sabtii har’aa galmee maqaa namoota lammiilee biyyattii eega ibsee booda, ummanni naannichaa miiliyoona lama tahu galmee lammuummaa keessaa kan haqame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Mootummaan naannichaa galmee ummata kana ilaalchisee ibsa baaseen, ummata miiliyoona 31.1 naannicha keessa jiraatu jidduu ummanni miiliyoonni 1.9 ol tahu hayyama jireenyaa waan hin qabneef galmee lammummaa keessaa kan haqame tahuu beeksise. Qondaaltonni biyyattii akka jedhanitti, galmee lammilee kana booda baqattoota biyyoota biroo seeraan ala naannicha  keessa jiraatan biyyattii keessaa baasuun kan itti fufu tahuu himan.

 

Ummata naannicha keessaa jiraatu jiddu walakkatti kan dhihaatu muslimoota yoo tahan,  ammas ummata miiliyoona lamatti dhihaatu kan galmee lammummaa keessaa haqame jidduu harki caalu Muslimoota hidda dhalata Bangilaadhishi qaban,  kan bara 1971 yeroo Bangilaadishi Indiyaa irraa fottoqtu achitti hafan tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Mootummaan Indiyaa finxaalessitoota amantaa Hinduutiin hogganamu yeroo dhihoo asitti muslimoota biyyattii irratti xiyyeefachuun qajeelfama gara garaa kan baasaa jiru tahuun ni beekama. Galmee lammiilee hardha  ifa tahe kana ilaalchiisee komii fi qeeqni guddaan kan irratti ka’aa jiru yoo tahu, kanuma hordofuun mootummaan Indiyaa  naannichatti jeequmsi ka’uu mala soda jedhuun loltoota heddu garasitti kan bobbaase tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Assam Indiyaa1

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button