header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Qondaaltonni Xaalibaan Moskoo keessatti mootummaa Raashiyaa waliin mari’achuu gabaafame

Dubbii himaan Waajjira Xaalibaan Dohatti argamuu Suheeyl Shahiin akka jedhetti, qondaaltonni Xaalibaan Jum’aa dheengaddaa gara Moskoo imaluun,  mariin nageenyaa Ameerikaa fi Xaalibaan jalqabanii turan, haala itti fufuu dandayu irratti mootummaa Raashiyaa waliin kan mari’atan tahuu ibse.

 

Mariin Xaalibaan fi Ameerikaan  ji’oota 11 dabran Qaxar magaalaa Dohaa keessatti geggeessaa turan,  walii galteedhaan xumuruuf kan dhihaate tahuu ibsamee ture. Haa ta’u malee haleellaa torbee tokko dura Afgaanistaan keessatti  raawwatame hordofuun,  Prezdaant Donald Tramp Alhada dabre marii nageenyaa walii galteen goolabuun duratti, hoggantoota Xaalibaan waliin iccitiin wal arguuf karoora qabatee  ture haquu beeksise.

 

Gareen Xaalibaan gama isaatiin marii addaan cite kana itti fufuudhaaf ammas fedhii akka qabu mootummaa Raashiyaatiif kan ibse tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa. Dubbi himaan garee Xaalibaan Suheeyl Shahiin “Ameerikaan marii nageenyaa xumura irra gahe, kan  mallattoon qofti hafe addaan kutuun isii hedduu nu dinqisiise”jedhe.  Dabalataanis qondaaltonni Xaalibaan Ameerikaa keessatti Traamp waliin wal arguun duratti, Qaxar wixinee sanadii walii galtee qophaahe ifa akka gootu kan barbaadan tahuu ibsame.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button