header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Sagantaa Tumsaa fi Eebba TV Nuuralhudaa Magaalaa Makkaatti geggeeffamu irratti Ustaaz Abdurrahmaan Huseen (Xaalibuu Ridallaah) kan hirmaatu tahuu beekame

Magaalaa Kabajamtuu Makkaatti Khamiisa dhuftu April 4/2019 sagantaan Tumsa Miidiyaa Nuuralhudaa kan geggeeffamu yoo tahu, sagantaa kana irratti Daayrektarri Ol aanaan Miidiyaa Nuuralhudaa Ustaaz Abdurrahmaan Huseen gama toora Skypiin kan hirmaatu tahuu gabaasnee turre. Haata’u malee Ustaaz Abdurrahmaan Huseen saganticha irratti qaaman hirmaatuudhaaf gara Makkaatti imaluuf qophii kan xumure tahuu beekameera.

Sagantaa guddaa kana irratti Ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa fi keessummoonni hedduun kan affeeraman yoo tahu, hawaasni muslimaa biyya keenyaa naannawa magaalaa Makkaatti argamanis ni hirmaatu jedhamee eegama.

Keessummoota sagantaa kana irratti affeeraman jidduu:
1. Sheik Gazaalii H/Xaahaa ““ Makka irraa
2. Dr. Liwaa’ul Islaam ““ Riyaad irraa
4. Sheik Huseen Abdurrahmaan ““ Jidda irraa
5. Sheik Naziif Jamaal ““ Makka irraa
6. Sheik Jeylaan H/Aadam – Xaa’if irraa
7. Sheik Mahammad-Saanii Aadam ““ Makka irraa
8. Sheik Abdurrahmaan Da’waa ““ Riyaad irraa
9. Sheik Mahammad Daaluu – Xaa’if irraa yoo tahan, dabalataanis keessummoonni birootis sagantaa kanarraatti kan affeeraman tahuu beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button