
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii yaada araaraa gareen Huusii dhiheesse kan deeggaru tahuu beeksise
Gareen Huusii ibsa dhiheenya kana kenneen, haleellaa Sa’uudii irratti raawwatu hunda kan dhaabe tahuu ibsuun, Sa’uudiinis haleellaa raawwattu akka dhaabduu jechuun waamicha godhe. Dubbi himaan garee Huusii Mahdi al-Mashaat ibsa gama Televizhiinaatiin kenneen, “humni warraaqsa Huusii haleellaa Misaa’elaa fi Drooniin Sa’uudii keessatti raawwataa ture dhaabee jira. Gamtaan waraana Arabaatis haleellaa nurratti raawwatu dhaabee gama mariitti ni dhufa jennee abdanna”jedhe.
Kanuma hordofuun dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Ibsa baaseen, Yaman keessatti nageenya buusuudhaaf kaka’umsi garee Huusii kun yaada deeggaramu qabu waan taheef, qaamoleen lola Yaman keessaa harka qaban hundi araaraa fi nageenyaa biyyattii irratti hojjachuu akka qaban dhaamsa dabarse.
Mootummaan Sa’uudii gama isaatiin waamicha garee Huusii kana kan xiinxallu tahuu ibsuun, walii galatti garuu nageenyaaf dursa kan kennu tahuu beeksise.
Gareen Huusii kanaan dura haleellaa heddu Misaa’elaa fi Drooniin Sa’uudii keessatti kan raawwataa ture yoo tahu, haaluma wal fakkaatuun haleellaa torbee dabre buufata boba’aa Sa’uudii irratti raawwatames itti gaafatamummaa fudhatee jira. Haata’u malee Ameerikaa fi Sa’uudiin haleellaa torbee dabree kana Iiraan raawwachuu ibsaa jiran.
#Huusii #Yaman #Sauudii