header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Amaaraa magaalaa Marsaatti hawaasni Muslimaa haala yeroo irratti marii gaggeese

Marii kana irratti haala nageenyaa naannichatti yeroo dhiyoo as muldhataa jiru, keessumattuu tarkaanfii gareewwan jibbaa Islaamaa leellisan iddoo gara garaatti manneen amantaa fi hawaasa Muslimaa irraan gahaa jiran irratti kan xiyyeeffate tahuu odeyfannoon ni addeessa.

Hawaasni Muslimaa yoomiyyuu caalaa tokkummaa isaa cimsatee shira gareewwan Kanaan xaxamu dammaqinaan akka hordofuu qabu marii kana irratti hayyootaan dhaamsi dabree jira.

Marii akkanaa kana, hawaasni Muslimaa guutuu biyyaatti akka godhuu qabu, keessumattuu haala naannoo Amaaraa keessa jiruun wal qabatee, xiyyeeffannoon guddaan akka godhamuu qabu Ulamaa fi manguddoon marii kana irratti hirmaatan ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button