EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Chaayinaa sarbaminsa mirga namummaa Muslimoota Biyyaattii irratti raawwatu daranuu hammeessee itti fufe jira

Mootummaan Chaayinaa sarbaminsa mirga namummaa maqaa Fiinxaaleessummaa balleessu jedhuun, Muslimoota Wiigar kan kutaa Xianjiang irratti raawwachaa ture, guutuu biyyaa keessatti kan hammeesse yoo tahu, Kaaba baha Chaayinaatti kan ummanni keessa jiraatu harki caalu Muslimoota tahan keessatti, qondaaltoonni mootummaa wantoota Islaamummaa ibsan haqanii ballessaa jiran.

Magaalaa ‘Linxia’ tan ‘Makkaa diqqoo’ jedhamuun waamamtu dabalatee magaalota hedduu keessatti tarkaanfiin Minaaraa Masjidaa fi mallattoolee Islamummaa ibsan kamiyyuu barbadeessuu fudhatama jira, akkasumas Magaalota akka Mongooliyaa,Henan fi Ningxia jedhaman keessattiis tarkaanfiin wal fakkaatu kan fudhatame yoo tahu, Kibba biyyaatti kutaa Yuunan tti ammoo Masjidoonni 3 kan cufaman tahuu gaazexaan New York Times gabaase.

Haaluma wal fakkaatuun magaalaa guddittii biyyaa Beyijiing irraa kaasee hanga Ningxia tti, barreeffama afaan Arabaa kamiyyuu ummanni akka hin dubbisne, hin barreessineefi hin dubbane kan ugguran tahuu odeyfannoon ni addeessa.

Maqaa ‘Fiinxaaleessummaa amantii balleessuu’ jedhuun sarbaminsi mirga namummaa mootummaa Chaayinaatin Muslimoota irratti raawwatamaa jiru hammaachuu fi Haalli deemaa jiru kun ammoo, akka Muslimoonni dirqisiifamanii tarkaanfii birootti cehaniif kakaasaa jira jechuun New York Times gabaase.

Comment

Related Articles

Back to top button