header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Masri dhimma hidha Laga Abbaay irratti mariin Ityoophiyaa fi Suudaan waliin geggeessaa turte guututti fashalaayuu beeksiste

“‹”‹ Ministeeronni Bishaanii Ityoophiyaa, Masri fi Suudaan dhimma hidha laga Abbaay ilaalchisee mariin guyyaa har’aa  Khartuum keessatti geggeessan walii galtee malee eega  xumuramee booda, mootummaan Masri marichi danqaa Ityoophiyaan uumteen guututti fashalaayuu beeksise.

 

Prezdaantiin Masri Abdulfattaah Al-Sisi fuula Twitter isaa irratti “dhimma hidha laga Abbaay irratti mariin ministeeronni biyyoota sadeenii har’a Khaartuum keessatti geggeessan walii galtee tokkoon malee xumuramee jira. Kana booda mootummaa fi dhaabbileen Masri hundi mirga itti fayyadama laga Abbaay irratti qabnu karaa barbaachisaa tahe hundaan kabachiisuuf qophii tahuu  ummata Masriitiif ibsuu barbaada”jedhe. Prezdaant Al-Sisin itti dabaluudhaanis,  dhimmicha irratti duula dipilomasii fi siyaasaa jalqabe cimsee kan itti fufu tahuu ibse.

 

Ministeerri haajaa alaa Ityoophiyaa gama isaatiin ibsa galgala kana baaseen, Masri yaada ofii dhiheessiteen alatti kan biroo fudhachuu diduu isii hordofuun, mariin Khaartuum walii galtee malee xumurame jechuun ibse.  Dabalataanis, Masri dhimmicha irratti Ameerikaan biyyoota sadeen jidddutti jaarsummaa akka teettu yaada dhiheessite, Ityoophiyaan kan hin fudhanne tahuu beeksiste.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button